- 
	                        
            
            Maatewos 24:37-39Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
37 Sababiin isaas, akkuma bara Nohitti taʼee ture,+ argamni* Ilma namaas akkasuma ni taʼa.+ 38 Bara Bishaan Badiisaa dura ture sanatti hanga guyyaa Noh doonichatti galetti,+ akkuma namoonni nyaachaa, dhugaa, dhiironni fuudhaa, dubartoonnis heerumaa turan, 39 akkasumas hanga Bishaan Badiisaa sun dhufee hunduma isaanii haree sokketti+ akkuma hin hubanne, argamni Ilma namaas akkanuma ni taʼa.
 
 -