- 
	                        
            
            Baʼuu 30:1-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
30 “Muka laaftoo+ irraa iddoo aarsaa ixaanni itti aarfamu tokko ni tolchita.+ 2 Innis dheerinni isaa dhundhuma* tokko, dalgi isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma lama taʼee rogni isaa arfan wal qixa haa taʼu. Gaanfonni isaa isaa wajjin tokko taʼanii haa tolfaman.+ 3 Gubbaa isaa, cinaa isaa hundumaa fi gaanfota isaa warqii qulqulluudhaan ni uwwista; qarqara isaatti naannessitees ittisa* warqii ni tolchita. 4 Ittisa* isaatii gadittis garanaan amartiiwwan warqii lama, garasiinis amartiiwwan warqii lama ni tolchita; danqaraawwan isa baachuuf oolanis achi keessa ni loofamu. 5 Muka laaftoo irraa danqaraawwan tolchiitii warqiidhaan uwwisi.
 
 -