- 
	                        
            
            Baʼuu 15:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
5 Dhaʼaan bishaanii isaan uwwise; akkuma dhagaas gara iddoo gad fagootti liqimfamaniiru.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Baʼuu 15:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
10 Ati hafuura kee yommuu baafattu, galaanichi isaan uwwise;+
Isaan akkuma sibiila ulfaataatti bishaan guddaa keessatti liqimfaman.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Keessa Deebii 11:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
3 Isaan mallattoowwanii fi gochawwan inni biyya Gibxii keessatti Faraʼoon mootii Gibxii irrattii fi guutummaa biyya isaa irratti raawwate hin argine;+ 4 yookiin wanta inni raayyaawwan waraanaa Gibxii irratti, akkasumas fardeenii fi gaariiwwan waraanaa Faraʼoon warra yeroo isin ariʼaa turanitti bishaan Galaana Diimaatiin liqimfaman irratti raawwate hin argine; Yihowaanis siʼa tokkicha yeroo hundumaatiif* isaan ni balleesse.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Iyyaasuu 24:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
6 Yommuun biyya Gibxii keessaa abbootii keessan baasettii+ fi yommuu isin gara galaanichaa dhuftanitti, warri Gibxii gaariiwwan fardaa waraanaa fi abbootii fardeeniitiin hamma Galaana Diimaatti abbootii keessan ariʼaa turan.+ 7 Abbootiin keessanis gara Yihowaatti iyyachuu jalqaban;+ kanaafuu, inni isinii fi warra Gibxii gidduu dukkana ni kaaʼe; achiis galaanicha isaan irratti deebisee isaan uwwise;+ isinis wanta ani Gibxii keessatti raawwadhe ijuma keessaniin argitaniittu.+ Sana booda, waggoota* hedduudhaaf lafa onaa keessa jiraattan.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Nahimiyaa 9:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
10 Atis gocha of tuulummaa+ isaan irratti raawwachuu isaanii beektee, Faraʼoon irratti, tajaajiltoota isaa hundumaa irrattii fi namoota biyya isaa hundumaa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan raawwatteetta.+ Ofii keetiifis maqaa hamma harʼaatti beekamaa taʼe qabaatteetta.+ 11 Ati isaan galaanicha keessa lafa gogaa irra akka ceʼaniif,+ galaanicha isaan duratti gargar hirteetta; warra isaan ariʼaa turanis akkuma dhagaa galaana jeeqamaa keessatti gatameetti gara iddoo gad fagootti darbatteetta.+
 
 -