- 
	                        
            
            Uumama 15:13, 14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
13 Achiis Waaqayyo Abraamiin akkana jedhe: “Sanyiin kee biyya kan isaanii hin taane keessatti orma taʼanii akka jiraatanii fi namoonni achi jiranis garboota godhatanii waggaa 400f akka isaan cunqursan beeki.+ 14 Haa taʼu malee, ani saba isaan tajaajiluuf jiran sana irratti nan murteessa;+ sana booda isaan miʼawwan hedduu fudhatanii achi keessaa ni baʼu.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Baʼuu 6:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
5 Amma ani sabni Israaʼel warri namoonni Gibxii garba isaan godhatanii jiran aaduu isaanii ofuma kootii dhagaʼeera; kakuu koos yaadadheera.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Lakkoofsa 20:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
15 Abbootiin keenya gara Gibxii dhaqanii turan;+ nutis waggoota* hedduudhaaf biyya Gibxii keessa jiraanneerra;+ warri Gibxii nuunis taʼe abbootii keenya cunqursaniiru.+ 16 Dhuma irrattis gara Yihowaatti iyyanne;+ innis nu dhagaʼee maleekaa tokko nuuf erguudhaan+ biyya Gibxii keessaa nu baase; kunoo, amma nuti magaalaa Qaadesh ishii daangaa kee irratti argamtu keessa jirra.
 
 -