- 
	                        
            
            Baʼuu 5:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
19 Yeroo kanatti hojjechiistonni Israaʼelotaa ajaja, “Xuubii guyyaa guyyaadhaan isin irraa barbaadamu matumaa hirʼisuu hin qabdan” jedhuun kan kaʼe rakkina guddaa keessa akka galan ni hubatan.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Lakkoofsa 14:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
2 Israaʼelonni hundis Musee fi Aaron irratti gungumuu jalqaban;+ guutummaan yaaʼichaas akkana jechuudhaan isaan mormee dubbate: “Maal taʼa, biyya Gibxii keessatti yookiin lafa onaa kana keessatti utuu duuneerra taʼee! 3 Goraadeedhaan akka dhumnuuf Yihowaan gara biyya kanaatti kan nu fide maaliifi?+ Haadhotiin manaa keenyaa fi ijoolleen keenya ni boojiʼamu.+ Gara biyya Gibxiitti utuu deebinee nuuf hin wayyuu?”+
 
 -