- 
	                        
            
            Lakkoofsa 13:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
26 Kanaafuu, isaan Qaadesh+ ishii lafa onaa Phaaraan keessatti argamtutti gara Musee, gara Aaronii fi gara guutummaa yaaʼii Israaʼelitti deebiʼan. Isaanis guutummaa yaaʼichaatiif oduu fidanii dhufan; akkasumas firii biyyattii isaanitti argisiisan. 27 Oduun isaan Museetti himan kana ture: “Gara biyyattii ati itti nu ergitetti seenneerra; ishiin dhugumaan biyya aannanii fi damma maddisiistu dha;+ firiin ishiis kunoo ti.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Keessa Deebii 27:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
3 Akkuma Waaqni abbootii keetii Yihowaan waadaa siif galetti, ati gara biyya aannanii fi damma maddisiistu+ ishii Waaqni kee Yihowaan siif kennutti akka seentuuf, yommuu achitti ceetutti dubbii Seera kanaa hundumaa isaan irratti barreessi.
 
 -