5 “‘Isin Yihowaadhaaf aarsaa gamtaa yommuu dhiheessitan,+ karaa fudhatama isiniif argamsiisuun dhiheessaa.+ 6 Inni guyyaa isin aarsaa keessan dhiheessitanittii fi guyyaa itti aanutti haa nyaatamu; wanti hamma guyyaa sadaffaatti isa irraa hafe garuu ibiddaan gubamuu qaba.+