- 
	                        
            
            2 Mootota 7:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
3 Namoonni dhukkuba nadaayiitiin qabaman afur karra magaalattii dura jiru turan;+ isaanis akkana waliin jedhan: “As teenyee maaliif duʼa keenya eegganna?
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            2 Seenaa Baraa 26:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
20 Azaariyaan inni dura buʼaa lubootaa taʼee fi luboonni hundi gara isaatti yommuu garagalan, addi isaa dhukkuba nadaayiitiin rukutamee argan! Kanaafuu, isaan hatattamaan achi keessaa gad isa baasan; Yihowaan waan isa rukuteef innis ariifatee gad baʼe.
21 Ooziyaan Mootichi hamma guyyaa duʼa isaatti dhukkuba nadaayiitiin qabamee jiraate; inni dhukkuba nadaayiitiin qabamee mana adda baafame tokko keessa kophaa isaa jiraate;+ mana Yihowaa keessa akka hin seennes dhorkamee ture. Ilmi isaa Yootaam mana mootichaa irratti itti gaafatamaa taʼee namoota biyyattiitiif murtii kenna ture.+
 
 -