- 
	                        
            
            Leewwota 14:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
3 Lubichi buufatichaa alatti baʼee isa ni qora. Namichi dhukkuba nadaayii sana irraa yoo fayye, 4 lubichi namichi of qulqulleessuuf simbirroota qulqulluu taʼan lama, muka gaattiraa, foʼaa diimaa fi hiisoophii akka fidu isa ajaja.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Lakkoofsa 19:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
6 Lubichis muka gaattiraa, hiisoophii+ fi foʼaa diimaa fuudhee ibidda saani sun itti gubamaa jirtu keessatti darbata. 7 Achiis lubichi uffata isaa ni miiccata; qaama* isaas bishaaniin ni dhiqata; sana booda inni gara buufatichaatti seenuu ni dandaʼa; haa taʼu malee, inni hamma galgalaatti xuraaʼaa ni taʼa.
 
 -