- 
	                        
            
            Abbootii Murtii 2:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
17 Isaan garuu abbootii murtii sana illee dhagaʼuu didanii waaqolii kan biroo wajjin sagaagalummaa raawwatan; isaaniifis ni sagadan. Daandii abbootiin isaanii warri ajajawwan Yihowaatiif ajajaman+ irra adeemaa turan irraa dafanii jalʼatan. Isaan wanta abbootiin isaanii raawwatan hin raawwanne.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Faarfannaa 106:37-39Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
37 Isaan ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii
Jinniiwwaniif aarsaa godhanii dhiheessu turan.+
38 Dhiiga qulqulluu,
Dhiiga ijoollee dhiiraa fi ijoollee durbaa isaanii
Warra waaqolii tolfamoo Kanaʼaaniif aarsaa godhan+ sanaa dhangalaasuu isaanii hin dhiisne;+
Biyyattiinis dhiigaan ni faalamte.
39 Isaan hojiiwwan isaaniitiin ni xuraaʼan;
Gochawwan isaaniitiin karaa hafuuraa sagaagalummaa ni raawwatan.+
 
 -