-
Iyyaasuu 19:47, 48Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
47 Haa taʼu malee, naannoon Daan baayʼee waan isaanitti dhiphateef,+ isaan ol baʼanii Lesheemiin+ waraananii qabatan; achiis goraadeedhaan ishii rukutan. Sana booda dhaalaan fudhachuudhaan ishii keessa buufatan; maqaa Lesheemis Daan jedhanii maqaa abbaa isaaniitiin moggaasan.+ 48 Dhaalli gosti Daan akka maatii maatii isaaniitti argatan kana ture. Magaalonnii fi gandeen isaaniis kanneen kana turan.
-
-
1 Mootota 4:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Guutummaa bara Solomoonitti namoonni Yihudaa fi namoonni Israaʼel Daanii jalqabee hamma Ber Sheebaatti argaman tokkoon tokkoon isaanii muka wayinii isaanii fi muka harbuu isaanii jalatti tasgabbiidhaan jiraatu turan.
-
-
1 Mootota 12:28, 29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Mootichi erga gorsitoota isaa wajjin mariʼatee booda, jabbilee warqii+ lama hojjetee namoota sanaan, “Yerusaalemitti ol baʼuun baayʼee isinitti ulfaata. Yaa Israaʼel, Waaqni kee inni biyya Gibxiitii si baase isa kana” jedhe.+ 29 Achiis isa tokko Beetel+ keessa, isa tokko immoo Daan+ keessa ni dhaabe.
-