LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 19:4, 5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Ciisuu isaanii duras, namoonni magaalattii, jechuunis dhiironni Sodoom keessa jiran isa xinnaadhaa hamma isa maanguddootti hundi isaanii tuuta tokko taʼanii manichatti marsan. 5 Irra deddeebiʼanii Looxiin waamuudhaanis, “Namoonni harʼa galgala gara kee dhufan eessa jiru? Nuti isaanii wajjin saalqunnamtii akka raawwannuuf gad nuu baasi” isaan jedhan.+

  • Leewwota 20:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 “‘Dhiirri tokko akkuma dubartii takka wajjin ciisutti dhiiraa wajjin yoo ciise, lamaan isaanii iyyuu wanta jibbisiisaa raawwataniiru.+ Isaan mamii tokko malee haa ajjeefaman. Dhiigni isaanii mataa isaanii irra ni taʼa.

  • Roomaa 1:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 dhiironnis isa uumamaan isaaniif kenname dubartootaa wajjin saalqunnamtii raawwachuu dhiisanii, dhiironni dhiirotaa wajjin kajeellaa saalqunnamtiitiin gubatan;+ wanta qaanessaa hojjechuudhaanis, ofuma isaaniitiin adaba* cubbuu isaaniitiif malu guutummaatti fudhatan.+

  • 1 Qorontos 6:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yookiin namoonni jalʼoota taʼan Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle hin beektanii?+ Hin dogoggorinaa.* Warri halaleen,*+ warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan,+ ejjitoonni,+ warri gadhaaʼan,+ warri nama gadhoomsan,*+ 10 hattoonni, sassattoonni,+ warri machaaʼan,+ warri nama arrabsanii fi saamtonni Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.+

  • Yihudaa 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Haaluma wal fakkaatuun, Sodoomii fi Gomoraan, akkasumas magaalonni naannoo isaanii jiran halalummaadhaaf* dabarsanii of kennaniiru, fedhii foonii isa uumamaan ala taʼe+ duukaas buʼaniiru; isaan ibidda bara baraatiin adabamuudhaan fakkeenya akeekkachiisaa nuuf taʼaniiru.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi