-
Baʼuu 23:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 “Waggaatti siʼa sadii ayyaana naaf kabaji.+
-
-
Baʼuu 34:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 “Dhiironni kee hundi waggaatti siʼa sadii Yihowaa Waaqa Israaʼel isa Gooftaa dhugaa taʼe duratti haa dhihaatan.+
-
-
Keessa Deebii 12:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Kanaa mannaa, gara bakka Waaqni keessan Yihowaan maqaa isaatiif, akkasumas iddoo jireenyaa isaa akka taʼuuf guutummaa gosoota keessanii gidduudhaa filatu sanaa dhaqaatii achitti isa waaqeffadhaa.+ 6 Aarsaawwan keessan warra gubaman,+ aarsaawwan keessan warra kaan, kurnoowwan keessan,*+ buusii harka keessan irraa kennitan,+ kennaawwan wareegaa keessan, kennaawwan keessan warra fedhiidhaan kennitan,+ akkasumas loonii fi bushaayee keessan keessaa warra jalqaba dhalatan achitti geessitu.+
-
-
Abbootii Murtii 21:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Achiis, “Kunoo, Shiiloo+ ishii kaaba Beetelitti, baha daandii guddaa Beetelii gara Sheekemitti ol baasuttii fi kibba Leboonaatti argamtu keessatti waggaa waggaadhaan Yihowaadhaaf ayyaanni kabajamu tokko jira” jedhan.
-