-
Keessa Deebii 23:3-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 “Namni biyya Amoon yookiin namni biyya Moʼaab gara gumii Yihowaatti hin seenin.+ Hamma dhaloota kurnaffaatti illee sanyii isaanii keessaa eenyu iyyuu matumaa gara gumii Yihowaatti hin seenin. 4 sababiin isaas, isaan yommuu isin biyya Gibxii keessaa baatanii deemaa turtanitti nyaataa fi bishaan isiniif kennuudhaan isin hin gargaarre;+ akkasumas Bala’aam ilmi Be’or inni nama biyya Phetoor ishii Mesophotaamiyaa taʼe akka si abaaru sitti bitaniiru.+ 5 Waaqni kee Yihowaan garuu Balaʼaamiin hin dhageenye.+ Kanaa mannaa, Waaqni kee Yihowaan waan si jaallateef,+ Waaqni kee Yihowaan abaarsicha gara eebbaatti siif jijjiire.+ 6 Atis bara jireenyaa kee hundumaatti matumaa nageenya yookiin badhaadhina isaaniif hin hawwin.+
-