-
Keessa Deebii 17:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 yeroo kanatti mootii Waaqni kee Yihowaan filatu muuduu qabda.+ Mootii kan muuddu obboloota kee gidduudhaa taʼuu qaba. Nama biyya ormaa obboleessa kee hin taane akka of irratti muuddu siif hin heyyamamu. 16 Haa taʼu malee, mootichi ofii isaatiif fardeen hedduu walitti qabachuu+ yookiin fardeen dabalataa argachuuf sabichi gara biyya Gibxiitti akka deebiʼu gochuu hin qabu;+ sababiin isaas Yihowaan, ‘Isin matumaa lammata karaa kana irra deebiʼuu hin qabdan’ jedheera.
-
-
1 Mootota 10:24-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Namoonni lafa irra jiraatan hundi ogummaa Waaqayyo garaa Solomoon keessa kaaʼe+ dhagaʼuuf isaa wajjin wal arguu* barbaadu turan. 25 Isaanis tokkoon tokkoon isaanii waggaa waggaadhaan miʼawwan meetii, miʼawwan warqii, uffata, meeshaa waraanaa, zayitii baalsaamii, fardeenii fi gaangolii akka kennaatti ni fidu turan.
26 Solomoon gaariiwwan fardaa fi fardeen* walitti qabuu isaa itti fufe; inni gaariiwwan fardaa 1,400 fi fardeen* 12,000+ qaba ture; isaanis magaalota gaarii fardaa keessa, akkasumas Yerusaalem keessa naannoo mootichi jiraatu keessa akka jiraatan godhe.+
-
-
2 Seenaa Baraa 1:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Gaariin fardaa Gibxiidhaa fichisiifamu tokkoon tokkoon isaa meetii sheeqilii* 600 baasa ture; fardi tokkos meetii sheeqilii 150 baasa ture; isaan immoo deebisanii gara guutummaa mootota Heetotaa fi mootota Sooriyaatti isaan ergu turan.
-