-
2 Seenaa Baraa 11:1-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Rooboʼaamis yommuu Yerusaalem gaʼu, Israaʼeliin waraananii mootummicha akka isaaf deebisaniif, yeruma sana mana Yihudaa fi gosa Biiniyaam+ keessaa loltoota leenjiʼan* 180,000 walitti qabe.+ 2 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Shemaayaa+ isa nama Waaqa dhugaa taʼeetti ni dhufe: 3 “Rooboʼaam ilma Solomoon mootii Yihudaatiin, akkasumas guutummaa Israaʼel warra Yihudaa fi Biiniyaam keessa jiraniin akkana jedhi: 4 ‘Yihowaan, “Isin obboloota keessan waraanuuf ol hin baʼinaa. Ani kun akka taʼu waanan godheef, tokkoon tokkoon keessan gara mana mana keessaniitti deebiʼaa” jedha.’”+ Kanaafuu, isaan dubbii Yihowaatiif ajajamuudhaan ni deebiʼan; Yeroboʼaamiin waraanufis hin deemne.
-
-
2 Seenaa Baraa 25:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Achiis Amaaziyaan namoota Yihudaa walitti qabee akka manneen abbootii isaaniitti ajajjoota kumaa fi ajajjoota dhibbaatiin guutummaa Yihudaa fi guutummaa Biiniyaam bakka buʼanii akka dhaabbatan godhe.+ Innis warra umuriin isaanii waggaa 20 fi sanaa ol taʼe ni galmeesse;+ loltoota leenjiʼan* warra eeboo fi gaachana guguddaatti fayyadamuu fi raayyaa waraanaa keessatti tajaajiluu dandaʼan 300,000 ni argate.
-