- 
	                        
            
            2 Mootota 17:21-23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
21 Inni Israaʼeliin mana Daawit irraa ni tarsaase; isaanis Yeroboʼaam ilma Nebaatiin mootii godhatan.+ Yeroboʼaam garuu Israaʼelonni Yihowaa hordofuu irraa akka jalʼatanii fi cubbuu guddaa akka hojjetan ni godhe. 22 Namoonni Israaʼelis cubbuuwwan Yeroboʼaam hojjete hundumaa irra ni deddeebiʼan.+ Cubbuuwwan kana irraas hin gorre; 23 akkuma Yihowaan karaa tajaajiltoota isaa warra raajota isaa taʼan hundumaa dubbatettis, Israaʼeliin fuula isaa duraa hamma balleessutti akkana gochuu isaanii itti fufan.+ Kanaafuu, Israaʼelonni boojiʼamanii gara biyya Asooritti geeffaman;+ isaan hamma harʼaatti achumatti argamu.
 
 -