- 
	                        
            
            2 Saamuʼel 3:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
29 Dhiigni isaa mataa Yoʼaabii fi mataa guutummaa mana abbaa isaa irratti haa deebiʼu.+ Mana Yoʼaab keessaa namni dhangalaʼaa qaama isaa keessaa yaaʼuun+ yookiin dhukkuba nadaayiitiin* rakkatu+ yookiin dhiirri caliidhaan foʼu* yookiin namni goraadeedhaan duʼu yookiin namni nyaata dhabee rakkatu hin dhabamin!”+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            1 Mootota 2:31-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
31 Achiis mootichi akkana isaan jedhe: “Akkuma inni jedhe isa irratti raawwadhu; ajjeesiitii isa awwaali; dhiiga isa Yoʼaab sababii malee dhangalaase sana anaa fi mana abbaa koo irraa balleessi.+ 32 Yihowaan dhiiga isaa mataa isaa irratti ni deebisa; sababiin isaas, inni abbaan koo Daawit utuu hin beekin namoota isa caalaa qajeeloo fi gaggaarii taʼan lama, jechuunis Abneer+ ilma Neer isa ajajaa raayyaa waraanaa Israaʼel+ taʼee fi Amaasaa+ ilma Yeteer isa ajajaa raayyaa waraanaa Yihudaa+ taʼe goraadeedhaan rukutee ajjeeseera. 33 Dhiigni isaanii bara baraaf mataa Yoʼaabii fi mataa sanyii isaa irratti ni deebiʼa;+ Daawitiif, sanyii isaatiif, mana isaatii fi teessoo isaatiif garuu bara baraaf Yihowaa biraa nagaan haa taʼu.” 34 Achiis Benaayaan ilmi Yehoyaadaa ol baʼee Yoʼaabiin rukutee ajjeese; innis mana isaa isa lafa onaa keessa jiru biratti ni awwaalame.
 
 -