-
1 Saamuʼel 9:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Tajaajilaan sunis deebisee Saaʼoliin, “Kunoo, meetiin kurmaana sheeqilii* tokkoo na harka jira. Ani meetii kana nama Waaqa dhugaa sanaaf nan kenna; inni immoo karaa kam irra deemuu akka qabnu nutti hima” jedhe.
-
-
1 Mootota 14:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Kanaafuu, Yeroboʼaam haadha manaa isaatiin akkana jedhe: “Maaloo, kaʼiitii eenyu iyyuu haadha manaa Yeroboʼaam taʼuu kee akka hin beeknetti of jijjiiriitii gara Shiiloo dhaqi. Kunoo, Ahiyaan raajichi achi jira. Ani saba kana irratti mootii akkan taʼu kan dubbate isa dha.+ 3 Daabboo kudhan, maxinoo, akkasumas damma hubboo* tokko qabadhuutii gara isaa dhaqi. Innis mucichi maal akka taʼu sitti hima.”
-