LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 23:8-11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Leewwonnii fi guutummaan Yihudaas akkuma Yehoyaadaan lubichi isaan ajaje godhan. Yehoyaadaan lubichi gareewwan+ sana hojii isaanii irraa bilisa akka taʼan waan hin gooneef, tokkoon tokkoon isaanii namoota isaanii warra guyyaa Sanbataatti hojii galanii fi warra guyyaa Sanbataatti hojii irraa bilisa taʼan ni fudhatan.+ 9 Achiis Yehoyaadaan lubichi eeboowwan, gaachana xixinnoo,* akkasumas gaachanoota mana Waaqa dhugaa keessa turanii+ fi kan Daawit Mootichaa taʼan+ ajajjoota dhibbaatiif+ ni kenne. 10 Innis namoonni sun hundi tokkoon tokkoon isaanii meeshaa waraanaa isaanii* harkatti qabatanii, manicha irraa gara mirgaatii jalqabee hamma manicha irraa gara bitaatti, iddoo aarsaa birattii fi manicha biratti mootichatti marsanii akka dhaabbatan godhe. 11 Achiis ilma mootichaa+ gad baasanii gonfoo fi Dhugaa Baatuu* sana isa irra kaaʼanii+ mootii isa godhan; Yehoyaadaanii fi ilmaan isaas isa ni diban. Sana booda, “Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” jedhan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi