4 Akkuma abbaan isaa Amaaziyaan godhe, innis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni godhe.+ 5 Inni bara Zakkaariyaas isa Waaqa dhugaa akka sodaatu isa barsiise sanaatti Waaqa ni barbaaddata ture. Yeroo inni Yihowaa barbaaddachaa turettis Waaqni dhugaan badhaadhina isaaf ni kenne.+