-
2 Seenaa Baraa 26:16-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Haa taʼu malee, inni akkuma jabaachaa deemeen, of tuuluudhaan badiisa ofitti fide; iddoo aarsaa ixaanaa irratti ixaana aarsuuf mana qulqullummaa Yihowaatti seenuudhaan Waaqa isaa Yihowaadhaaf amanamaa utuu hin taʼin hafe.+ 17 Azaariyaan lubichii fi luboonni Yihowaa onnatoo taʼan 80ni kaan yeruma sana isa duukaa buʼanii gara keessaatti seenan. 18 Achiis, “Yaa Ooziyaa, ati Yihowaadhaaf ixaana aarsuun kee sirrii miti!+ Isaan sanyii Aaron warra qulqulleeffaman waan taʼaniif ixaana aarsuu kan qaban luboota qofa dha.+ Ati amanamaa waan hin taaneef, iddoo qulqulluu keessaa baʼi; kana gochuun kee Yihowaa biraa ulfina siif hin argamsiisu” jedhanii Ooziyaa Mooticha morman.
19 Haa taʼu malee, Ooziyaan inni ixaana aarsuuf qodaa ixaanaa harka isaatti qabatee ture ni dheekkame;+ utuma inni lubootatti dheekkamaa jiruus, mana Yihowaa keessatti iddoo aarsaa ixaanaa biratti luboota duratti dhukkubni nadaayii+ adda isaa irratti baʼe. 20 Azaariyaan inni dura buʼaa lubootaa taʼee fi luboonni hundi gara isaatti yommuu garagalan, addi isaa dhukkuba nadaayiitiin rukutamee argan! Kanaafuu, isaan hatattamaan achi keessaa gad isa baasan; Yihowaan waan isa rukuteef innis ariifatee gad baʼe.
21 Ooziyaan Mootichi hamma guyyaa duʼa isaatti dhukkuba nadaayiitiin qabamee jiraate; inni dhukkuba nadaayiitiin qabamee mana adda baafame tokko keessa kophaa isaa jiraate;+ mana Yihowaa keessa akka hin seennes dhorkamee ture. Ilmi isaa Yootaam mana mootichaa irratti itti gaafatamaa taʼee namoota biyyattiitiif murtii kenna ture.+
-