LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 22:15-19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Gooftaa Ol Aanaa kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Gara bulchaa kanaa, gara Shebnaa+ isa manicha* irratti itti gaafatamaa taʼe sanaa dhaqiitii akkana isaan jedhi: 16 ‘Bakka kanatti ofii keetiif iddoo awwaalchaa qopheeffachuuf mirga maalii qabda? Akkana akka gootu hoo eenyutu siif heyyame?’ Inni iddoo ol kaʼaa tokko irratti iddoo awwaalchaa qopheeffachaa jira; qarsaa tokko keessatti ofii isaatiif iddoo boqonnaa* qopheeffachaa jira. 17 ‘Yaa namicha nana, kunoo, Yihowaan humnaan gad si darbata; jabeessees si qaba. 18 Inni dhugumaan cimsee si maree akkuma kubbaatti gara lafa balʼaatti si darbata. Achitti ni duuta, gaariiwwan fardaa kee warri ulfina qabeeyyiin achitti ni hafu; kunis mana gooftaa keetiitiif salphina dha. 19 Ani iddoo kee irraa sin kaasa, aangoo kee irraas sin ariʼa.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi