LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 33:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yihowaan Musee kan haasofsiisu, akkuma namni tokko nama kan biraa haasofsiisutti fuulaa fuulatti ture.+ Yommuu inni gara buufatichaatti deebiʼu, Iyyaasuun+ ilmi Nuun inni tajaajilaa fi gargaaraa+ isaa taʼe dunkaanicha biraa hin deemu ture.

  • Lakkoofsa 11:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Achiis Iyyaasuun+ ilmi Nuun inni ijoollummaa isaatii jalqabee tajaajilaa Musee ture deebisee, “Yaa gooftaa koo Musee, isaan dhowwi!”+ jedhe.

  • Lakkoofsa 32:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 ‘Isaan garaa isaanii guutuudhaan ana duukaa waan hin buuneef, namoota biyya Gibxiitii baʼan keessaa warri umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe biyya ani, Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kakadhe sana+ hin argan;+ 12 Kaaleb+ ilmi Yofunee Qeenizichaa fi Iyyaasuun+ ilmi Nuun garaa isaanii guutuudhaan Yihowaa duukaa waan buʼaniif,+ isaan qofatu biyyattii arga.’

  • Keessa Deebii 34:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Museen harka isaa isa irra kaaʼee waan tureef,+ Iyyaasuun ilmi Nuun nama hafuura ogummaatiin guutame ture; Israaʼelonnis isa dhagaʼuu jalqaban; akkuma Yihowaan Musee ajajes ni godhan.+

  • Iyyaasuu 1:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 1 Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe erga duʼee booda, Yihowaan Iyyaasuu*+ ilma Nuun isa tajaajilaa+ Musee tureen akkana jedhe:

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi