-
1 Seenaa Baraa 5:23, 24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Sanyiiwwan walakkaa gosa Minaasee,+ Baashaanii hamma Baʼaal Hermoon, hamma Seenirii fi hamma Gaara Hermoonitti+ biyyattii keessa ni jiraatan. Lakkoofsi isaaniis hedduu ture. 24 Dura buutonni manneen abbootii isaanii kanneen kana turan: Eefeer, Yishii, Eliʼeel, Azriʼel, Ermiyaas, Hodaawiyaa fi Yaadiʼeel; isaan loltoota jajjaboo, namoota beekamoo fi dura buutota manneen abbootii isaanii turan.
-
-
1 Seenaa Baraa 11:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Dura buutonni loltoota Daawit warra jajjaboo taʼanii kanneen kana turan; isaanis Israaʼelota hundumaa wajjin taʼuudhaan Yihowaan Israaʼeliin ilaalchisee akka dubbatetti mootii isa gochuudhaaf+ deggersa cimaa isaaf ni godhan.
-