-
2 Saamuʼel 5:22-25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Boodas Filisxeemonni deebiʼanii dhufanii Sulula* Refaayim+ keessa faffacaʼan. 23 Daawitis Yihowaa ni gaafate; inni garuu akkana isaan jedhe: “Kallattiidhaan ol hin baʼin. Kanaa mannaa, duuba isaaniitiin naannaʼiitii tusii* baakaa* fuulduratti isaan waraani. 24 Fiixee tusii baakaa irraa sagalee adeemsa duulaa yommuu dhageessu, Yihowaan raayyaa waraanaa Filisxeemotaa rukutuuf si dura waan baʼeef, gara kuteenyaan tarkaanfii fudhadhu.” 25 Kanaafuu, Daawit akkuma Yihowaan isa ajaje ni godhe; Geebaadhaa*+ jalqabee hanga Geezerittis+ Filisxeemota ni rukute.+
-