-
2 Saamuʼel 8:15-18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Daawit guutummaa Israaʼel irratti bulchuu isaa itti fufe;+ inni sabni isaa hundi+ haqaa fi qajeelummaa+ akka argatan godha ture. 16 Yoʼaab+ ilmi Zeruuyaa itti gaafatamaa raayyaa waraanaa ture; Yoshaafaax+ ilmi Ahiluud immoo barreessaa seenaa ture. 17 Saadoq+ ilmi Ahixuubii fi Ahimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Seraayaan immoo barreessaa ture. 18 Benaayaan+ ilmi Yehoyaadaa itti gaafatamaa Kereetotaa fi Pheleetotaa+ ture. Ilmaan Daawitis geggeessitoota itti gaafatamummaa guddaa qaban* taʼan.
-