13 Mana maqaa kootiif taʼu kan ijaaru isa dha;+ anis teessoo mootummaa isaa bara baraaf jabeessee nan dhaaba.+ 14 Ani abbaa isaa nan taʼa, innis ilma koo ni taʼa.+ Yommuu inni balleessaa raawwatu, ulee namootaatiin, harcummee ilmaan namootaatiinis isa nan adaba.+