- 
	                        
            
            2 Mootota 23:30, 31Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
30 Kanaafuu, tajaajiltoonni isaa reeffa isaa gaarii fardaa tokkoon Megidoodhaa feʼanii gara Yerusaalemitti fiduudhaan awwaala isaa keessatti isa awwaalan. Namoonni biyyattii ilma Yosiyaas Yehoʼahaaziin fuudhanii dibuudhaan bakka abbaa isaa mootii isa godhan.+
31 Yehoʼahaaz+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 23 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadiif ni bulche. Maqaan haadha isaa Hamutaal+ yeroo taʼu, ishiin intala Ermiyaas isa nama biyya Libnaa taʼe sanaa turte.
 
 -