-
Iyyaasuu 14:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Kebroon hamma harʼaatti dhaala Kaaleb ilma Yofunee Qeenizichaa kan taate kanaafi; sababiin isaas, inni garaa guutuudhaan Yihowaa Waaqa Israaʼel duukaa buʼeera.+ 15 Maqaan Kebroon sana dura Qiriyaat Arbaa+ jedhama ture (Arbaan Anaaqiim gidduutti nama guddaa ture). Biyyattiinis waraana irraa boqonnaa argatte.+
-