LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 23:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Achiis mootichi miʼawwan Baʼaaliif, miʼawwan utubaa waaqeffannaa*+ fi miʼawwan guutummaa raayyaa samiitiif hojjetaman hunda mana qulqullummaa Yihowaa keessaa akka baasaniif Hilqiyaa+ isa luba ol aanaa taʼe, luboota warra sadarkaa lammaffaa qabanii fi karra eegdota ni ajaje. Achiis Yerusaalemii alatti irraan gadee Qedroon irratti isaan ni gube; daaraa isaaniis gara Beetelitti+ geesse.

  • 2 Mootota 23:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Utubaa waaqeffannaa sanas mana Yihowaa keessaa baasee+ gara qarqara Yerusaalemitti, gara Sulula Qedroonitti geessee achi keessatti ni gube;+ isas daakee daaraa godhe; daaraa isaas awwaala namootaa irratti ni bittinneesse.+

  • 2 Seenaa Baraa 15:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Aasaan Mootichi akkoon isaa Maʼaakaan+ waaqeffannaa utubaa waaqeffannaatiif* akka taʼuuf waaqa tolfamaa isa balfamaa taʼe waan hojjetteef, aangoo mootuu taʼuudhaan qabdu irraa ishii ni buuse.+ Aasaan waaqa tolfamaa ishii isa balfamaa taʼe muree ni bulleesse; Sulula Qedroon keessattis ni gube.+

  • Yohaannis 18:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yesuus wantoota kana erga dubbatee booda, barattoota isaa wajjin gara iddoo biqiltuu Sulula Qedroon*+ gama jiru dhaqe; innii fi barattoonni isaa achi keessa seenan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi