- 
	                        
            
            Hisqiʼel 6:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
9 Warri miliqanis saboota warra boojuudhaan itti fudhataman gidduu taaʼanii na yaadatu.+ Isaanis garaa isaanii isa amanamaa hin taane* isa na irraa gore+ sanaan, akkasumas ija isaanii isa waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan kajeeluudhaan* duukaa buʼe+ sanaan kan kaʼe garaan koo cabuu isaa ni hubatu. Isaan wanta hamaa fi jibbisiisaa raawwatan hundumaatiin kan kaʼe ni qaanaʼu, wantoota kanas ni jibbu.+
 
 -