- 
	                        
            
            Keessa Deebii 6:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
21 ilma keetiif akkana jettee deebista: ‘Nuti biyya Gibxii keessatti Faraʼooniif garboota turre; Yihowaan garuu harka jabaadhaan biyya Gibxii keessaa nu baase.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Keessa Deebii 11:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
18 “Isinis dubbiiwwan koo kana garaa keessanittii fi lubbuu* keessanitti qabadhaa; harka keessan irrattis akka yaadannootti hidhadhaa; isaan adda keessan irratti* akka marata mataa haa taʼan.+ 19 Mana keessan keessa yommuu teessan, daandii irra yommuu deemtan, yommuu ciistanii fi yommuu kaatan waaʼee isaanii dubbachuudhaan ijoollee keessan barsiisaa.+
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Iyyaasuu 4:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
6 innis isin gidduutti mallattoo taʼee ni tajaajila. Yeroo booda ijoolleen* keessan, ‘Dhagoota kana as kan keessan maaliifi?’+ jedhanii yoo isin gaafatan, 7 akkana jedhaa isaanitti himaa: ‘Akkana kan goone, bishaan Yordaanos taabota+ kakuu Yihowaa duratti waan dhaabbateefi. Taabotichi Yordaanosiin yommuu ceʼetti, bishaan Yordaanos ni dhaabbate. Dhagoonni kunis saba Israaʼeliif yaadannoo* dhaabbataa taʼanii tajaajilu.’”+
 
 -