- 
	                        
            
            2 Mootota 7:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
6 Yihowaan buufanni warra Sooriyaa sagalee gaarii fardaa waraanaa fi sagalee fardeenii, akkasumas sagalee raayyaa waraanaa guddaa taʼe akka dhagaʼu godhee ture.+ Kanaafuu isaan, “Kunoo, isaan akka nu waraananiif mootiin Israaʼel mootota Heetotaa fi mootota Gibxii nutti biteera!” waliin jedhan. 7 Achiis yeruma sana kaʼanii dunkaanota isaanii, fardeen isaanii, harroota isaanii fi guutummaa buufatichaa akkuma jirutti dhiisanii galgala dukkana keessa lubbuu isaanii oolfachuuf baqatan.
 
 -