LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 12:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Sababiin isaas, halkan kana biyya Gibxii keessa nan darba; nama irraa jalqabee hamma horiitti angafa biyya Gibxii keessa jiru hundumaas nan rukuta;+ waaqolii warra Gibxii hundumaa irrattis murtii nan dabarsa.+ Ani Yihowaa dha.

  • Ermiyaas 43:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Ani manneen* waaqolii Gibxiitti ibidda nan gadhiisa;+ mootichis isaan ni guba; boojuudhaanis isaan ni fudhata. Akkuma tikseen tokko uffata isaa ofitti marutti, innis biyya Gibxii ofitti ni mara; nagaadhaanis* achii ni deema.

  • Ermiyaas 46:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 “Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Kunoo, ani xiyyeeffannaa koo gara Amoon+ isa waaqa Noo*+ taʼetti, gara Faraʼoonitti, gara Gibxiitti, gara waaqolii ishiittii+ fi gara mootota ishiitti, eeyyee, gara Faraʼoonii fi gara warra isatti amanaman hundumaatti nan deebisa.’+

  • Hisqiʼel 30:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Waaqolii tolfamoo warra balfamoo* taʼanii fi waaqolii Noof*+ warra gatii hin qabne nan balleessa. Kana booda bulchaan biyya Gibxii keessaa kaʼu hin jiraatu; biyya Gibxii keessa sodaan akka jiraatu nan godha.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi