-
Uumama 7:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Uumamawwan foon taʼanii fi hafuura baafatan hundi lama lama taʼanii doonicha keessatti gara Noh dhaquu isaanii itti fufan. 16 Kanaafuu, akkuma Waaqayyo isa ajajee turetti akaakuun uumamawwan foon taʼanii hundi kormaa fi dhaltuu taʼanii gara doonichaatti seenan. Sana booda Yihowaan isaan duubaan balbalicha ni cufe.
-
-
Baʼuu 12:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Achiis dhiiga isa saanii keessa jiru keessa hidhaa hiisoophii tokko cuuphaatii gubanii balbalaa isa olii fi maqaanii lamaan irratti dhiigicha facaasaa; isin keessaa namni tokko illee hamma ganamaatti balbala mana isaa keessaa gad baʼuu hin qabu. 23 Achiis Yihowaan yommuu warra Gibxii dhaʼuuf darbutti, gubanii balbalaa isa olii fi maqaanii lamaan irratti dhiigicha yommuu argu, Yihowaan dhugumaan balbalicha bira ni darba; inni dhaʼichi duʼaa* sun gara manneen keessanitti akka seenu hin heyyamu.+
-