- 
	                        
            
            Hojii Ergamootaa 8:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
7 Namoonni hedduun hafuurota xuraaʼoodhaan qabamanii turan; hafuuronni kunis sagalee guddaadhaan iyyanii isaan keessaa baʼu turan.+ Kana malees, namoonni lamshaaʼanii fi naafatan hedduun ni fayyu turan.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Hojii Ergamootaa 14:8-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
8 Lisxiraa keessa namichi miilli isaa naafate tokko taaʼee ture. Inni erga dhalatee kaasee naafa waan taʼeef deemuu hin dandaʼu ture. 9 Namichi kun yommuu Phaawulos dubbatu dhaggeeffachaa ture. Phaawulosis hubatee isa ilaalee fayyuu akka dandaʼu kan amanu taʼuu isaa yommuu argu,+ 10 sagalee guddaadhaan, “Kaʼiitii miila keetiin dhaabbadhu” jedhe. Kanaafuu, namichi utaalee kaʼee deemuu jalqabe.+
 
 -