LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 1:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Bulchitoonni kee mata jabeeyyii fi michuu hattootaa ti.+

      Tokkoon tokkoon isaanii mattaʼaa jaallatu, kennaa duukaas ni fiigu.+

      Ijoollee abbaa hin qabneef* haqaan hin murteessan,

      Dhimmi seeraa dubartii abbaan manaa irraa duʼees matumaa isaan bira hin gaʼu.+

  • Ermiyaas 5:26-28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Sababiin isaas, namoonni hamoon saba koo gidduu jiru.

      Isaan akkuma yeroo namni simbira qabatu riphee eeggatu godhutti, xiyyeeffannaadhaan ilaalu.

      Kiyyoo nama ajjeesu ni kaaʼu.

      Kan isaan qabatanis namoota dha.

      27 Akkuma guuboo simbirroon keessa guuteetti,

      Manneen isaanii gowwoomsaadhaan guutamaniiru.+

      Isaan jajjaboo fi sooreyyii kan taʼan kanaafi.

      28 Isaan gabbataniiru, qaamni isaanii lallaafaa dha;

      Hamminaanis guutamaniiru.

      Isaan milkaaʼina argachuu irratti waan xiyyeeffataniif,

      Mucaa abbaa hin qabneef hin falman;+

      Hiyyeeyyiis haqa ni dhowwatu.’”+

  • Miikiyaas 2:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Warra wanta miidhaa geessisu yaadaniif,

      Warra siree isaanii irratti wanta hamaa karoorfataniif wayyoo!

      Isaan yommuu bariʼu wanta sana ni raawwatu,

      Sababiin isaas, humni kana ittiin raawwatan harka isaanii keessa jira.+

       2 Isaan maasii ni hawwu, ni qabatus;+

      Mana ni hawwu, isas ni fudhatu;

      Nama gowwoomsanii mana isaa ni fudhatu,+

      Dhaala isaas jalaa ni fudhatu.

  • Miikiyaas 6:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Mana nama jalʼaa keessa qabeenyi jalʼinaan argamee fi

      Safartuun eefaa* hirʼuun inni jibbisiisaa taʼe amma iyyuu jiraa?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi