LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 28:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “Haa taʼu malee, ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaa eeguu dhiisuudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu yoo didde, abaarsawwan kun baayʼinaan si irra ni gaʼu:+

  • Keessa Deebii 29:26, 27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Kanaa mannaa, isaan dhaqanii waaqolii kan biroo warra hin beeknee fi akka waaqeffatan inni isaaniif hin heyyamne* tajaajilan, akkasumas isaaniif ni sagadan.+ 27 Achiis aariin Yihowaa inni bobaʼaan biyya sana irratti ni dhufe; abaarsa kitaaba kana irratti barreeffame hundumaas ishii irratti ni fide.+

  • Iyyaasuu 23:15, 16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Taʼus, waadaawwan gaggaariin Waaqni keessan Yihowaan isiniif gale hundi akkuma isiniif raawwatamanitti,+ Yihowaan dhaʼichawwan akka fidu dubbate hundumaa* isin irratti fidee biyya Waaqni keessan Yihowaan isiniif kenne kana irraa haxaaʼee isin ni balleessa.+ 16 Kakuu Waaqa keessan Yihowaa isa inni akka eegdaniif isin ajaje yoo cabsitan, dhaqxaniis waaqolii kan biroo yoo tajaajiltanii fi isaaniif yoo sagaddan, dheekkamsi Yihowaa isin irratti ni bobaʼa;+ isinis yeruma sana biyya gaarii inni isiniif kenne irraa ni balleeffamtu.”+

  • 2 Mootota 23:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Yihowaan, “Akkuman Israaʼeliin ija koo duraa balleesse,+ Yihudaas ija koo duraa nan balleessa;+ magaalaa Yerusaalem ishiin filadhe kanaa fi mana isan, ‘Maqaan koo achi keessa ni jiraata’+ jedhee waaʼee isaa dubbadhe kana nan dhiisa” jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi