-
Keessa Deebii 13:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Raajiin yookiin namni abjuu abjuʼatu sun garuu daandii Waaqni keessan Yihowaan akka irra deemtan isin ajaje irraa akka gortan gochuuf, Waaqa keessan Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa isin baasee fi mana garbummaa jalaa isin fure irratti akka finciltan waan isin jajjabeesseef haa ajjeefamu.+ Wanta hamaa taʼes of gidduudhaa balleessaa.+
-
-
Keessa Deebii 18:20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 “‘Raajiin kam iyyuu of tuulummaadhaan kakaʼee wanta ani akka dubbatu isa hin ajajne yoo dubbate yookiin maqaa waaqolii kan birootiin yoo dubbate, raajiin sun haa ajjeefamu.+
-
-
Ermiyaas 29:32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Yihowaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani xiyyeeffannaa koo gara Shemaayaa isa nama Nehelaam taʼettii fi gara sanyii isaatti nan deebisa. Inni Yihowaa irratti fincila waan kakaaseef, saba kana keessaa namni kan isaa taʼe tokko illee lubbuudhaan hin oolu, innis wanta gaarii ani saba kootiif godhu hin argu’ jedha Yihowaan.”’”
-