-
Ermiyaas 30:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Tajaajilaa koo kan taate yaa Yaaqoob, hin sodaatin,
Yaa Israaʼel, hin naʼin.+
Sababiin isaas, ani siin biyya fagoo irraa,
Sanyii kees biyya boojiʼamanii itti fudhataman irraa nan deebisa.+
Yaaqoob ni deebiʼa, utuu hin jeeqamin tasgabbiidhaan ni jiraata,
Kan isa sodaachisus hin jiraatu” jedha Yihowaan.+
-
-
Ermiyaas 44:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Namoota muraasa qofatu goraadee jalaa miliqee biyya Gibxii irraa gara biyya Yihudaatti deebiʼa.+ Yeroo sanatti namoonni Yihudaa warri hafanii fi achi jiraachuuf gara biyya Gibxii dhaqan hundi dubbii koo fi dubbii isaanii keessaa kan eenyuu akka raawwatame ni hubatu!”’”
-
-
Hisqiʼel 14:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Haa taʼu malee, ijoolleen dhiiraa fi ijoolleen durbaa warri ishii keessatti hafan muraasni oolanii achi keessaa ni baʼu.+ Isaan gara keessan ni dhufu; isinis yommuu daandiiwwan isaanii fi gochawwan isaanii argitanitti badiisa ani Yerusaalem irratti fideen, wanta ani ishii irratti raawwadhe hundumaatiin kan kaʼes dhugumaan jajjabina ni argattu.’”
-