-
Isaayyaas 6:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yeroo kanatti ani, “Yaa Yihowaa, hamma yoomiitti?” nan jedhe. Innis akkana naan jedhe:
“Hamma magaalonni diigamanii namni keessa jiraatu dhabamutti,
Hamma manneen namoota malee hafanitti,
Hamma biyyattiin diigamtee ontutti;+
-
Ermiyaas 25:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Guutummaan biyya kanaa onaa fi wanta sodaachisaa ni taʼa; saboonni kunis waggaa 70f mootii Baabiloniin tajaajiluuf ni dirqamu.”’+
-
-
Hisqiʼel 6:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Ani harka koo isaan irratti diriirsee biyyattii ona nan godha; iddoowwan jireenyaa isaanii hundis lafa onaa Diblaa biratti argamu caalaa ona ni taʼu. Isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’”
-
-
-