- 
	                        
            
            2 Mootota 25:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
25 Zedeeqiyaan mootii taʼee waggaa saglaffaatti, jiʼa kurnaffaatti, jiʼicha keessaa guyyaa kurnaffaatti Nebukadnezaar+ mootiin Baabilon guutummaa raayyaa waraanaa isaa wajjin Yerusaalemiin waraanuuf dhufe.+ Achiis guutummaa magaalattiitti ni marse; naannoo ishiitti marsees dallaa ijaare;+ 2 magaalattiinis hamma waggaa 11ffaa Zedeeqiyaa Mootichaatti marfamtee turte.
 
 -