-
2 Mootota 25:5-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Raayyaan waraanaa Kaladootaa garuu mooticha duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti isa bira gaʼan; loltoonni isaa hundis isa dhiisanii faffacaʼan. 6 Achiis mooticha qabanii+ gara mootii Baabilon isa Riblaatti argamutti fidan; isa irrattis ni murteessan. 7 Isaanis ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti ni gorraʼan; achiis Nebukadnezaar ija Zedeeqiyaa ni jaamse; hidhaa sibiila diimaatiin hidhees gara Baabilonitti isa fide.+
-
-
Ermiyaas 52:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Raayyaan waraanaa Kaladootaa garuu Zedeeqiyaa+ Mooticha duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti isa bira gaʼan; loltoonni isaa hundis isa dhiisanii faffacaʼan.
-
-
Ermiyaas 52:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Achiis mootiin Baabilon ija Zedeeqiyaa ni jaamse;+ hidhaa sibiila diimaatiin hidhees gara Baabilonitti isa fide; hamma guyyaa duʼa isaattis mana hidhaa keessa isa turse.
-
-
Hisqiʼel 12:12, 13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Geggeessaan isaan gidduutti argamu sun miʼa isaa gateettii isaa irratti baatee dukkanaan baʼee deema. Inni dallaa sana uree miʼa isaa baatee gad baʼa.+ Lafa ilaaluu akka hin dandeenyettis fuula isaa ni haguuggata.’ 13 Ani saaphana koo isa irratti nan diriirsa; innis saaphana koo isan ittiin kiyyeessuun ni qabama.+ Achiis gara Baabilon, gara biyya Kaladootaatti isa nan fida; haa taʼu malee, inni biyyattii hin argu; achitti ni duʼa.+
-