LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 1:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Bulchitoonni kee mata jabeeyyii fi michuu hattootaa ti.+

      Tokkoon tokkoon isaanii mattaʼaa jaallatu, kennaa duukaas ni fiigu.+

      Ijoollee abbaa hin qabneef* haqaan hin murteessan,

      Dhimmi seeraa dubartii abbaan manaa irraa duʼees matumaa isaan bira hin gaʼu.+

  • Miikiyaas 3:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Ani akkana nan jedhe: “Yaa dura buutota Yaaqoob,

      Isin ajajjoonni mana Israaʼel, maaloo dhagaʼaa.+

      Wanta sirrii beekuun isin irra hin jiruu?

       2 Isin garuu wanta gaarii ni jibbitu,+ wanta hamaa immoo ni jaallattu;+

      Saba koo irraa gogaa isaanii ni quncistu, lafee isaanii irraas foon ni kaastu.+

       3 Kana malees foon saba kootii ni nyaattu,+

      Gogaa isaaniis irraa ni baastu,

      Akkuma wanta distiitti affeelameetti, akkuma foon distii keessa jiruutti,

      Lafee isaanii caccabsitanii ni hurreessitu.+

  • Sefaaniyaa 3:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Bulchitoonni ishii warri ishii gidduu jiran leencota baroodani dha.+

      Abbootiin murtii ishii yeeyyii halkanii ti;

      Isaan lafee tokko illee ganamaaf hin hambifatan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi