-
Hisqiʼel 27:32, 33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Faaruu gaddaa isaanii keessatti akkana jedhanii waaʼee kee ni faarfatu:
‘Kan akka Xiiros ishii amma galaanicha walakkaatti calluma jette sanaa eenyu?+
33 Miʼawwan kee galaanicha irraa yommuu dhufanitti, ati namoota hedduu gammachiisteetta.+
Qabeenyi kee inni hedduunii fi shaqaxni kee mootonni lafaa akka badhaadhan godhaniiru.+
-
-
Hisqiʼel 28:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Daldala irratti dandeettii qabaachuun kee qabeenya guddaa siif argamsiiseera,+
Qabeenya keetiin kan kaʼes garaan kee of tuuleera.”’
-
-
Hisqiʼel 28:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Yakka kee isa guddaa fi daldala kee isa gowwoomsaadhaan guutameen kan kaʼe iddoowwan qulqulluu kee xureessiteetta.
Ani ibiddi si gidduutti akka kaʼu nan godha, innis si nyaata.+
Warra si ilaalan hundumaa duratti lafa irratti daaraa sin godha.
-