-
Ermiyaas 43:11-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Dhufees biyya Gibxii ni rukuta.+ Namni dhaʼichaan duʼuu qabu kam iyyuu, dhaʼichaan ni duʼa; namni boojuudhaan fudhatamuu qabu kam iyyuu, ni boojiʼama; namni goraadeedhaan duʼuu qabu kam iyyuus, goraadeedhaan ni duʼa.+ 12 Ani manneen* waaqolii Gibxiitti ibidda nan gadhiisa;+ mootichis isaan ni guba; boojuudhaanis isaan ni fudhata. Akkuma tikseen tokko uffata isaa ofitti marutti, innis biyya Gibxii ofitti ni mara; nagaadhaanis* achii ni deema. 13 Biyya Gibxii keessatti siidaawwan Beet Sheemesh* ni caccabsa; manneen* waaqolii Gibxiis ibiddaan ni guba.”’”
-