-
Ermiyaas 25:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 ani maatiiwwan kaabaa hundumaatti,+ tajaajilaa koo kan taʼe Nebukadnezaar* mootii Baabilonittis dhaamsa ergee,+ biyya kana irratti, jiraattota ishii irrattii fi saboota naannoo kanatti argaman hundumaa irratti isaan nan fida”+ jedha Yihowaan. “Haxaaʼee isaan nan balleessa, wanta sodaachisaa fi kan itti siiqsamu akka taʼan, akkasumas yeroo hundumaatiif ona akka taʼan isaan nan godha.
-
-
Daaniʼel 3:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Namni labsii labsus sagalee isaa ol kaasee akkana jedhee labse: “Uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbattan akkana akka gootan ajajamtaniittu; 5 yommuu sagalee xurumbaa,* faaggaa, baganaa, baganaa xinnoo, meeshaa muuziqaa ribuu qabuu, ulullee qalqalloo fi sagalee meeshaalee muuziqaa kaan hundumaa dhageessanitti lafatti gombifamaatii siidaa warqii Nebukadnezaar Mootichi dhaabe sana waaqeffadhaa.
-