-
Daaniʼel 4:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 “‘Abjuun ani Nebukadnezaar Mootichi arge isa kana; egaa, yaa Belteshaazaar, namoonni ogeeyyiin bulchiinsa koo keessa jiran hundi hiika isaa natti himuu waan hin dandeenyeef, ati hiika isaa natti himi.+ Ati garuu hafuurri waaqolii qulqulluu si keessa waan jiruuf hiikuu ni dandeessa.’
-
-
Daaniʼel 5:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Mootummaa kee keessa namichi hafuura waaqolii qulqulluu qabu tokko jira. Bara abbaa keetti, beekumsi guddaan, hubannaanii fi ogummaan kan akka ogummaa waaqolii taʼe isa keessatti argamee ture.+ Abbaan kee Nebukadnezaar Mootichi luboota falfala raawwatan, warra hooda dubbatan, Kaladootaa fi warra urjii lakkaaʼan irratti ajajaa godhee isa muudee ture;+ yaa mootii, abbaan kee akkana godhee ture. 12 Sababiin isaas, Daaniʼel inni mootichi Belteshaazaar+ jedhee moggaase sun abjuu hiikuu, dubbii dhokataa ibsuu fi rakkoowwan wal xaxoo taʼan furuu* irratti dandeettii addaa, beekumsaa fi hubannaa qaba ture.+ Egaa amma Daaniʼel haa waamamu; inni hiika isaa sitti hima.”
-