LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 18:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Hisqiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa 14ffaa isaatti, Senaaheriib mootiin Asoor+ gara magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa dhufee isaan qabate.+

  • 2 Seenaa Baraa 36:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaan kan kaʼes, inni mootii Kaladootaa+ isaanitti ni erge; innis dargaggoota isaanii mana qulqullummaa isaanii+ keessatti goraadeedhaan ni ajjeese;+ dargaggeessaaf yookiin durbaaf, maanguddoodhaaf yookiin isa dadhabaadhaaf garaa hin laafne.+ Waaqayyos wanta hundumaa harka isaatti dabarsee kenne.+

  • 2 Seenaa Baraa 36:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Mana Waaqa dhugaa ni gube;+ dallaa Yerusaalem ni diige;+ masaraawwan ishii warra ciccimoo taʼan hundumaas ibiddaan ni gube; wantoota gatii guddaa qaban hundumaas ni balleesse.+

  • Ermiyaas 17:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 “‘“Isin guyyaa Sanbataa qulqulluu gootanii eeguu dhiisuudhaan, guyyaa Sanbataatti baʼaawwan baachuudhaan, akkasumas karaa karrawwan Yerusaalem isaan galchuudhaan naaf ajajamuu yoo diddan garuu, ani karrawwan ishii ibiddaan nan guba; ibiddichis dhugumaan masaraawwan Yerusaalem warra ciccimoo ni nyaata,+ hin dhaamus.”’”+

  • Ermiyaas 34:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 yeroo kanatti raayyaawwan waraanaa mootii Baabilon Yerusaalemii fi magaalota Yihudaa warra hafan hundumaa, jechuunis Laakiishii+ fi Azeeqaa+ waraanaa turan; sababiin isaas, magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban keessaa kan hafan+ isaan qofa turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi